Akka biyyaatti qabiinsa bishaanii fi biyyoorratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha-MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad bishaannii fi biyyoon qonnaa fi oomishtummaaf murteessaadha jedhaniiru.
MM Abiy Ahimad fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsaniitti akka biyyaatti qabiinsa bishaanii fi biyyoorratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Akka addunyaattis sababa dhiyeessiin bishaanii hanqatuu fi biyyoon tatarsa’uun lafti qullaatti hafuun babaldhataa dhufeera jedhan.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa qonnaa fi oomishtummaatin wabii nyaata mirkaneessuun akka danda’amuuf rakkoowwan hedduu furuuf kan kaayyeffateedha jedhaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.