Akka Biyyaatti hanqinni oomishaa hin mudatu- Ministeera Qonnaa
Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 ( FBC)- Garee shororkeessaa ABUT’iin Ityoophiyaatti bakkeewwan muraasatti hojiileen qonnaa haalaan hojjetamuu baatanis akka Biyyaatti hanqinni oomishaa kan hin mudanne ta’uu Ministeerri Qonnaa ibseera.
Mootummaan dirqamee waraanaatti seenuu isaan bakkeewwan muraasatti hojiin qonnaa hojjetamuu baatus akka biyyaatti hanqinni oomishaa kan hin mudanne ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Maandafroo Nugusee ibsaniiru.
Bakkeewwan oomisha gaarii kennuu danda’anitti hojiileen oomisha ga’aa argamsiisuu danda’an hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Akka biyyaatti bara bajataa 2013/2014tti lafa hektaara miiliyoona 13 sanyiin uwwisuun oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 4 argachuu karoorfatame hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Karoora kana milkeessuu fi hojii qonnaa gochaa garee shororkeessaa kanaan harkifate bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Maddi:- DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.