Fana: At a Speed of Life!

Akaakuun vaayrasii koroonaa haaran Ityoophiyaa akka hin seenne of eeggannoon taasifama jira-Ministeera Fayyaa

Finfiinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)-Biyyoota tokko tokko keessaatti muul’ata kan jiru akaakuun vaayrasii koroonaa haaran Ityoophiyaa akka hin seenneef of eeggannoon taasifamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibseera.
Vaayarsiin koroonaa haaran dhiyeenya Ingiliziitti muul’achuun isaa ni yaadatama.
Ta’us vaayrasiin kun Ameerikaa fi Kaanadaa galeera.
Afrikaa kibbaa Naayijeeraayaattis muul’ateera.
Akaakuun vaayarsii haaraan kun vaayrasii koroonaa duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaallamuu sadarkaan dhukkuubbi dabaluu fi carraan du’aaf saaxiluusaa hangam akka ta’ee qorannoon hin mirkanoofne.
Ta’us vayrasiin koroonaa haaran kun ariitiin namaa namatti kan darbuu fi carraan daddarbuusaatii olaanaa ta’u ragaaleen ni muul’dhisu.
Akaakuun vaayrasii koroonaa haaran kun aariitiin waan tatamsa’aniif Ityoophiyaaf sodaa ta’uu Ministir deettaan ministeera fayyaa Saharallaa Abdullayiin himaniiru.
Afrikaa kibbaa Naayijeeriyaatti kan muul’atee vaayrasichi dhiheenyaarra kan ka’ees Ityoophiyaaf sodaa waan ta’eef xiyyeeffanoon hojjetamu qaba jedhaniiru.
Kanarratti hunda’ees imaltoota biyyaa alaarraa gara biyyaa galan irratti qorannoo taasifamuu cimee akka itti hojjetama himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.