Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa abbootii gadaa Karrayyuu ilaalchisee sirni gumaa baasuu akka raawwatamuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Qaama abbootii Gadaa Karayyuurratti ajjeechaa raawwatee fi maatii miidhamtootaa jiddutti akkaataa aadaa fi duudhaa ganamaa sirna Gadaatti hayyootaan lallabamee araarrii sirna gumaa baasuu akka raawwatamu walii galteerra gahamuu gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo ibse.

Gochi ajjeechaa abbootii Gadaa fi hayyoota keenyarratti raawwatame bara hamtuu Abbaan Gadaa itti mucucaate jennee moggaafnerra  jedhan abbootiin Gadaa karrayyuu.

Badiin raawwatame safuu fi safeeffannaa Oromoo kan faallesse ta’uurra darbe Oromoo addaan qooduuf  gocha raawwatame ta’uu beekamuu akka qabu ibsaniiru.

Gochichi namoota dhuunfaan osoo raawwatame akkaataa sina Gumaa baafannaa fi lulluuqqii obbaafannaan gumaan wagga waggaan  kanfalamaa itti fufa ture, amma garuu haala rakkoo nageenyaa naannichaa tureen dogongora uumameen gocha hammeeyyuummaa mootummaa fi uummata walitti buusuuf raawwatame ta’uu nuti gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo adeemsa kadhaa araaraa fi ifaajjii keessa turameen  hubanneerra jedhan Abbaa Gadaa Tuulamaa fi barreessaan gamtaa abbootii Gadaa Oromiyaa Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa.

Gochi raawwatame gara Jabina kan qabuu fi sirna waloo keenya  kan faallesse ta’us gochi raawwatame ilmoo finna ofiin tahus, wal malee rakkoo baratti dhufte hin ceenuutii gumaa kaffaluun araara buusuuf Gumiin abbootii Gadaa fi hayyuulleen  Gadaa  Oromiyaa mararraa Adaamaatti walgeenye marteessineerra jedhan.

Akkaataa lallaba bu’een Gumaa kaffalamuun booda  sirnoonni raawwatamuu qaban marti ni raawwatamu jedhaniiru.

Dhimma kanaratti preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Shimallis Abdiisaan yaa’ii Caffee idilee 2ffaa waggaa 1ffaa bara hojii caffee 6ffaa har’a xumuramerratti gocha raawwatameen mootummaan naannoo Oromiyaa gaddi itti dhagahame olaanaa ta’uu eeruun kanneen yakka kana keessaa harka qaban seeraan akka gaafatamaniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkaataa gumiin abbootii Gadaa murteessaniinis seeraa fi safeeffannaa murtoo isaanii fudhachuuf mootummaan naannichaa qophii ta’uu eeruunsaanii kan yaadatamudha.

Gammachiis Taarikuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.