Ajejni Bahaa miseensota raawwii hojii gaarii galmeessanii fi yeroo turtii isaanii uwwisaniif guddina sadarkaa laate
Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Ajejni Bahaa miseensota Raayyaa Ittisaa raawwii hojii gaarii galmeessanii fi yeroo turtii isaanii uwwisaniif guddinaa sadarkaa laateera.
Ajejichi miseensota weerara gareen shororkeessaa bane loluu fi lolchisiisuun hojii gaarii hojjetanii fi yeroo turtii isaanii ga’umsaan xumuraniif guddina sadarkaa laateera.
Sadarkaan laatame itti gaafatamuu fi raawwii hojii caaluuf onnachiiftuu ta’uu Raayyaa Ittisaatti Ajejaa olaanaan Ajeja Bahaa Leetanaan Jeneraal Mahaammad Tasammaan ibsaniiru.
Ergama itti aanu hamilee fi ga’umsa olaanaan akka raawwataniif qooda qabaachuu himaniiru.
Guddinni sadarkaa miseensota kanneeniif laatame ergama olaanaa dhaabbatichi amantaan itti laate ta’uu hubachuun ummataa fi biyyaaf amanamummaan dirqama isaanii murannoo fi gootummaan ba’uun akka irraa eegamu dhaabaniiru.
Ergama mootummaa fi ummataan itti laatame injifannoon xumuruun dirqama itti aanuuf wayita qophiirra jiranitti guddinni sadarkaa fi badhaasni isaaniif laatame ergama dabalataaf caalmaatti kan isaan qopheessu ta’uu miseensonni kunneen dubbachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.