Fana: At a Speed of Life!

Ajandaa siyaasaa kan qabatan biyyoonni alaa ammallee dhiibbaa Ityoophiyaarratti taasisaan itti fufuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Ajandaa siyaasaa kan qabatan biyyoonni alaa ammallee dhiibbaa Ityoophiyaarratti taasisaan itti fufuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Duubarraan Ajandaa siyaasaa kan qabatan dhiibbaawwan biyya alaa ammallee dhiibbaa Ityoophiyaarratti taasisaan itti fufuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbi Himaan Ministeericha Ambaasaaddar Diinaa Muftiin haala waqtaawaa biyyarratti ibsa torbee laataniru.

Ibsa isaaniitinis biyyoonni alaa tokko tokko lammiileen isaanii biyyaa nagaa qabdu keessa gadi lakkisanii akka ba’aan tattaaffiin taasisaan yoo fashalaa’uun kallattii biraatiin dhiibbaa uumuuf yaalaa jiraachuu kaasaniiru.

Kanneen keessaayis Ityoophiyaan akka qopheessituuf kan filatamtee yaa’ii idil addunyaa iddoon gaggeeffamaasaa Finfinneerra akka haqamuu biyyoonni biroo fi dhaabbileen idil addunyaa waliigaluu eegaluun adeemsa isaanii isaa haaraadha jedhaniiru.

Yaa’ii gamtaa teeleekoom bara Faranjoota baatii Waxabajjii Finfinneetti dhiyaatuu gara iddoo biraatti akka jijjiirramuuf duubaarran tattaaffii taasisaa jiraachuu ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Lammiileen kunneen bara Faranjoota itti aanuu 2022 Finfinneetti kan gaggeeffamu yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa biyya biraatti akka gaggeeffamuuf iddoowwan danda’an hunda deemuu waliigaluuf yaala jiru jedhaniiru.

Dabalataanis Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Mana Maree mirgoota namoomaa akka biyyoota tokkootti Ityoophiyaa kan ilaallatuu ajandaa siyaasa mataa isaanii adeemsisuuf itti fayyadamaa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.