Fana: At a Speed of Life!

Ajandaa 2063 Afrikaa Badhaatee fi Nageenyi ishee mirkanaa’e uumuuf hojjetamu ni deeggarra – Antooniyoo Gutareez

Finfinnee, Gurraandhala 1,2012 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Karoora Afrikaan ajandaa 2063n Afriikaa Badhaatee fi Nageenyi ishee mirkanaa’e uumuuf karoorfattee hojjetaa jirtu akka deeggaru Beeksise.
 
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez yaa’ii Gamtaa Afriikaa 33ffaa irratti argamuun haasawa taasisaniin ajandaa 2063 Afriikaa badhaatee fi Nageenyi ishee mirkanaa’e uumuuf karoorfamee hojjetamaa jiru dhaabbatichi ni deeggaraa jedhan.
 
Naannoolee Saahilii fi Baha Afrikaa akkasumas naannolee Ardichaa biroo keessatti rakkoo nageenyaa jiru furuuf hojii hojjetamu akka deeggaran himaniiru.
 
Afrikaanoonni rakkoosaanii ofumaa furatanii dhiibbaa itti dhufu ofirraa qolachuuf humna cimaa ijaaruu qabus jedhan.
 
Rakkoo Malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii ittisuun fayyadamummaa dargaggootaa fi dubartootaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.