Ajajni Lixaa humna makkaanayizdii humna diinaa barbadeessuu ijaaru ibse
Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Ajajni Lixaa humna makkaanaayizdii humna diinaa barbadeessuu danda’u ijaaruu beeksise.
Qindeessaan Kutaa Makkaanaayizdii Ajaja Lixaa Koloneel Taaddasaa Tabajjee, hoggansii fi humni ramaddichaa yeroowwan waraanaa keessa darbame bu’uureeffachuun qophii gahaan taasiseera jedhan.
Humna makkaanaayizdiif gama hundaan leenjiiwwan kan kennaman yoo ta’u, kutichi dirqama fudhatee humna diinaa barbadeessuuf qophaa’ummaan isaa sadarkaa olaanaarraatti kan argamu ta’uu Koloneel Taaddasaan ibsaniiru.
Raayyicha lola gaggeessaa ture keessatti muuxannoo horachuun haalota jiranirratti ga’umsa makkaanaayizdii isaa guddisuu danda’uu himaniiru.
Kutaan makkaanaayizdii kutaa waraanaa lafoof deeggarsa kennuu fi qiyyaafannaa diinaa haala amansiisaan barbadeessuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu himuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaa FDRI irraa argamee ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.