Ajajni Kibbaa Raayyaa Ittisa Biyyaa qaamolee dula garaagaraatti deeggarsa taasisaniif sagantaa beekamtii kennuu gaggeesse
Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Ajajni Kibbaa Raayyaa Ittisa Biyyaa qaamolee fi kutaalee hawaasaa dula garaagaraatti deeggarsa taasisaniif sagantaa beekamtii kennuu gaggeessuu ibsame.
sagantichaan naannoo Afaar, kutaa lallabaa Walloo Kaabaa, Dhimmoota Islaamummaa, Godina Walloo Kaabaa magaalota Waldiyaa, Raayyaa Qobboo, aanaa Habruu fi bulchiinsota biroof warqaa ragaa fi Waancaan kennamuu ibsameera.
Qabsoo garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf taasifame keessatti deeggarsi Raayyaa Ittisa Bioyyaaf taasisan hanga wareegama kaffaluu ta’uu fi kanaaf ammoo galateeffatamuu akka qaban Leetenaal Jeneraal Salamoon Ittafaa ibsuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.