Ajajni giddugalaa haleellaa birmadummaa Ityoophiyaarratti aggaamamuuf deebii laachuuf qophii ta’uu ibse
Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Ajajni giddugalaa haleellaa birmadummaa Ityoophiyaarratti aggaamamuuf deebii laachuuf qophii ta’uu ibseera.
Ajajichi haleella birmadummaa Ityoophiyaarratti garee shororkeessitootaatiin aggaamamu kamiifiyyuu deebii laachuuf ejjennoo ga’arratti akka argamu ibsameera.
Ajajni giddugalaa kun leenjii mata duree ‘leenjii fooyya’aa raawwii dirqamaaf’ jedhuun miseensoota lolchiisaa fi lolaa horachuu danda’uu ajajaan olaanaan izichaa Jeneraal Zawdee Balaay himaniiru.
Ajajni giddugalaa haleellaa birmadummaa Ityoophiyaarratti aggaamamuuf deebii laachuuf qophii ta’uus himuusaanii ragaan fuula miidiya hawaasaa raayyaa ittisa biyyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.