Ajajni giddu galeessaa dirqama isaa ga’umsaan itti fufee jira – Jeneraal Ababaaw Taaddasaa
Finfinnee, Fulbaana 26, 2016 (FBC) – Ajajni giddu galeessaa dirqama isaa ga’umsa olaanaan itti fufaa jiraachuu Itti Aanaan Itaamaajoorii Humna Waraanaa Waliigalaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaan ibsaniiru.
Jeneraal Ababaaw hoggantoota olaanoo Ajaja Giddu galeessaa waliin raawwii dirqamaarratti mari’ataniiru.
Ajajichi ergama isaa sirnaan raawwachaa jiraachuu Jeneraal Ababaaw eeraniiru.
Bu’aa qabeessummaa isaa caalmaatti itti fufsiisuuf cimee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Miseensonni Ajajichaa ofitti amanamummaa guutuun dirqama kamiiyyuu ga’umsa olaanaan raawwachaa jiraachuu ibsamuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia # Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.