Fana: At a Speed of Life!

Ajajni Bahaa guutuu biyyattitti bobba’uun daangaa biyya isaa kan kabachisee dha-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)- Ajajni Bahaa kutaa biyyattii Bahaa keessatti qofa osoo hin taane guutuu biyyattiitti bobba’uun gootummaan daangaa biyya isaa kan kabachiseedha jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa RaayyaaIttisaa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja Bahaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, Hoggantoota Raayyaa Ittisa Ajaja Bahaa, miseensoota fi hojjettootaaf ergaa baga geessaanii fi hawwii gaarii dabarsaniiru.

Daangaa biyyattii eegaa kan ture Ajajni Bahaa akkuma kana duraa seenaa isaa itti fufsisuu akka qabu hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.