Fana: At a Speed of Life!

Ajajni Bahaa diinota biyya weeraruuf dhufan qaanessuun Biyya mataa ol qabachiiseera -Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Ajajni Bahaa diinota biyya weeraruuf dhufan qaanessuun Biyya mataa ol qabachiisuu keessatti seenaa hindagatamne qaba jedhan Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja Bahaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, Seenaa kaleessaa tiksuuf raayyaa Ittisa biyyaa cimaa ijaaruu itti fufna jedhan.

Seenaa moo’uu malee moo’amuu hin qabnu kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, qaamoleen michummaa sobaan maqaa Itiyoophiyaa xureessan of qusachuu qabu jedhaniiru.

Itiyoophiyaan misoomaaf malee waraana ololaan gaggeeffamuuf gurra kan hin kennine ta’uus ibsaniiru.

Diinota olola sobaan birmadummaa biyyaa sarbuuf yaalan qolachuuf yeroo kamuu caalaa qophii ta’uu himaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajni Bahaa hundeeffama waggaa 47ffaa isaa magaalaa Harariitti kabajaa jira.

Ajajni Bahaa akkuma kaleessaa ergama itti kenname fudhatee kutannoon birmadummaa biyyaaf yeroo waadaa isaa itti haaressu ta’uus Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa eeraniiru.

Saganticharratti Ajajni Bahaa lammiilee bakkeewwan garaagaraatti sababa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasiseera.

Nageessoo Kadiiritu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.