Fana: At a Speed of Life!

Ajajni Bahaa balaa ibiddaa Giddugala Gabaa Taayiwaan mudateef deeggarsa Birrii miiliyoona 2 taasise

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Ajajni Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Magaalaa Jigjigaatti balaa ibiddaa Giddugalaa Gabaa Taayiwaaniin mudateen miidhamtoota qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’eef deeggarsa Birrii miiliyoona 2 taasise.

Deeggarsichas Ajajaa Olaanaa Ajajichaa , Leetenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa Magaalaa Jigjigaatti argamuun deeggarsicha Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammadiitti kennaniiru.

Balaa ibidaa giddugala gabichaa mudateen miidhamtoota deebisanii dandamachiisuuf koreen hundeeffamuun hojiileen deeggarsa walitti qabuu gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.