Fana: At a Speed of Life!

Ajajichi injifannoowwanii fi milkaa’inaalee galmaa’aan ummata waliin kabajaa jira

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Raayyaa ittisa Biyyaatti Ajaji Bahaa waggoottan 47’n darban injifannoowwanii fi milkaa’inaalee galmaa’an ummata waliin kabajaa jiraachuu beeksise.

Hundeeffama waggaa 47’ffaa ajajichaa kabajamuu eegaleera.

Ajajaa Olanaan Ajaja Bahaa Leetenaal Generaal Mahaammad Tasammaa, kabaja hundeeffama ajajichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, ajajichi aggaammiiwwan biyyaatti balaarra buusan ittisuu fi injifannoo galmeessuun waggoottan 47’n darban seenaa galmeessaa turuu yaadachiisan.

Aantummaa ummataa qabatamaan mirkaneessuun seenaa ajaa’ibsiisaa galmeessaa turuus ibsaniiru.

Injifannoowwan ajajichi waggoota 47’n darban galmeesse ummata waliin kabajaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Har’arraa eegalee hanga Qaammee 2, 2016’tti sagantaan hundeeffama ajajichaa kan gaggeeffaman ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.