Fana: At a Speed of Life!

Ajajaa Olaanaan Ajaja Faannoo Shawaa kan ture Koloneel Asaggid Makonniin humna nageenyaaf harka kenne

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraatti Ajajaa Olaanaan Ajaja Faannoo Shawaa kan ture Koloneel Asaggid Makonniin humna nageenyaaf harka kennuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise.

Naannoo Amaaraatti miseensonni fi Hoggantoonni Faannoo waamicha nageenyaa Mootummaan dhiyeesse fudhachuun karaa nagaan harka kennaa jiraachuu humni walichaa ibseera.

Qaamolee hidhannoon naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’aa jiraniif mootummaan irra deddeebiin waamicha nageenyaa dhiyeessaa turuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Guyyaa har’aas Ajajaa Olaanaan Ajaja Faannoo Shawaa kan ture Koloneel Asaggid Makonniin humna nageenyaaf harka kennuu ibsa isaa himeera.

Namni dhuunfaan kun ajjeechaa, Uggura, Gudeeddii fi badii suukaneessaa miseensonni finxaaleyyii kunneen ummata Amaaraarratti raawwataa jiran dabalaa dhufuu hordofee harka kennuu isaa himeera.

Koloneel Asaggid Makonniin eegaa isaa Gabayehuu Wandimmaaganyi jedhamu waliin humna nageenyaaf harka kennuu isaa humni walichaa ibseera.

Koloneel Asaggid,garaagarummaan hoggantoota garee Finxaaleyyii Iskindir Naggaa fi Zamana Kaasee gidduutti uumame ummatichaa caalmaatti gatii kaffalchiisuun ala bu’aan buusu akka hin jirre hubachuun harka kennachuu isaa ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.