Fana: At a Speed of Life!

‘Air Bus’ Tumsa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee itti fufuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2017 (FBC)- Dhaabbanni ‘Air Bus’ tumsa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin Idil Addunyaa Dhaabbatichaa Wutar Vaan Weriisich ibsaniiru.

‘Air Bus’ Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Afrikaarraa jalqaba ta’e waliin hariiroo waggoottan dheeraa qabaachuu ibsaniiru.

Afrikaa keessatti qooda gabaa guddaa kan qabu Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa dhaabbaticharra Xiyyaara ajajuun isaa hangafaa ta’uu kaasaniiru.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa kanaan dura xiyyaara A350-900 bituu eeruun, amma immoo Xiyyaara Ammayyaa A350-1000 bituun isaa karoora daandii qilleensichaa milkeessuuf kan deeggaruu ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbanni Air Bus’ fuuldurattis tumsa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.