Fana: At a Speed of Life!

Aggaammii keessaafi alaa qolachuun danda’ame – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Aggaammii keessaafi alaa qolachuun danda’amuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Yaa’ii Idilee 7ffaa, waggaa 3ffaa, bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa gaggeeffamaa jirurratti gabaasa raawwii hojii dhiyeessaniiru.

Shaneen humna boodatti hafaa injifannoo wareegama qaaliin argame duubatti deebisuuf ergama diinaa raawwachiisuuf ijaarameedha jedhan.

Nageenyi hojii hundaa ta’uu hubachuun aggaammii keessaafi alaa qolachuun danda’amuu himaniiru.

Shaneen haala qabatamaa addunyaafi Itiyoophiyaan keessa jirtu kan hin hubanne humna boodatti hafaa ta’uu gabaasa isaaniin kaasaniiru.

Mootummaan rakkoolee jiran bu’uura irraa furuuf marii biyyaalessaa hunda hirmaachiseen galmaan ga’uuf Koomishinii maree biyyaalessaa hundeessee hojii keessa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbileen siyaasaa garaa garaafi lammiileen hundi carraa kanatti fayyadamuun mariifi marabbaadhaan nagaa buusuufi misooma waaressuuf hunduu gumaacha akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.