Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni poolisii booru Addabaaba’ii Masqalaatti gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) –Agarsiisni poolisii booru Addabaaba’ii Masqalaatti gaggeeffama.
Agarsiisa kanarratti hoggansi mootummaa sadarkaa addaddaarra jiru ni argamaan eegama jedheera Koomiishiniin Poolisii Fininnee.
Agarsiisni poolisii federaalaa kun booru ganama sa’aa 1:30rraa hanga 6:30tti gaggeeffama.
Haaluma kanaan daandiin Booleedhaa gara Addabaaba’ii Masqalaa geessu, Magganaanyaa -Haayaa Hulat Addabaaba’ii Masqalaa, Uuraa’eel, Araat Kiiloo, Charchilii Addabaaba’ii Masqalaa, Taklahaaymaanootii Addabaaba’ii Masqalaa, Saariis Gootaraa Addabaaba’ii Masqalaa, Xoor Haayloochii Meesksiikoon cufaa ta’u.
Koomiishinichi ganama sa’aa 12:00 eegalee hanga qophichi xumuramutti qajeelfamni poolisii tiraafikaa akka kabajamu gaafateera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.