Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni michummaa Itiyoo -Jibuutii gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Agarsiisni michummaa Itiyoo_Jiibuutii waggoota 127 mul’isuu gaggeeffameera.

Agarsiisichi hariiroo nageenyaa,misoomaa,aadaa, dippiloomaasii, daldalaa fi ummata biyyootan lamaanii bara 1897 irraa egalee jiru kan mul’isu ta’uu eerameera.

Hariiroon biyyoota lamaanii rakkoolee fi qormaatilee dandamachuu kan danda’u bu’ura cimaarratti kan ijaarame ta’uu mul’isuuf agarsiisa qophaa’e ta’uu Jibuutiitti Amaasaddarri Itiyoophiyaa Biraanuu Tsagaayee himaniiru.

Walitti dhufeenyi waggoota hedduuf ture kun qormaatilee mudatan dandamachuun humnaafi abdii horachuun obbolummaan biyyootta lamaanii biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya gaarii ta’uu isaa mul’isa jedhaniiru.

Obbolummaa fi Michummaan Itiyoophiyaafi Jibuutii dhaloota kan barsiisuu ta’uus himameera.

Barreessaa olaanaa Mootummoota Misoomaa Bahaa Afrikaa DooktarWarqinaa Gabayyoo,Ministrootni, Ambaasaadarootni biyyoota garagaraa,barreessaa olaanaa Mana Maree Daldalaa Jibuutii Yusuuf Musaa Dawwaalee, bakka buutoonni hawaasaafi keessummoooni garagaraa agarsiisicharratti hirmaachuu ibsameera.

Muluu Waaqshumeetu gaaaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.