Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni Innooveeshinii Aviyeeshinii baname

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC)- Agarsiisni Innooveeshinii Aviyeeshinii mata duree “Kalaqa, beekumsa Aviyeeshiniif “ jedhuun Godambaa Saayinsii Itiyoophiyaatti banameera.

Agarsiisicharratti teeknooloojiiwwan aviyeeshinii, bu’aalee kalaqaa, oomishaalee, fi tajaajiloonni innooveeshinii dhiyaataniiru.

Kana malees, waltajjiin marii Innooveeshinii Teeknooloojii Aviiyeeshinii kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Agarsiisicharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Ministira Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee dabalatee qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniru.

Agarsiisichis qindeessummaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyophiyaa, Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii akkasumas manneen hojii ministeerotaa biroo waliin kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.