Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni gulufsiisa fardeen Salaalee gara hawwata Tuuriziimiitti guddachuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Agarsiisni gulufsiisa fardeen Salaalee gara hawwata Tuuriziimiitti guddachuu akka qabu ibsameera.

Yuunvarsiitiin salaalee beekumsa dhuudhaa hawaasa Salaalee gara hawwata tuurizimiitti fiduuf hojii eegaleen agarsiisni gulufsiisa fardeen salaalee waggaa waggaan akka adeemsifamu murteessuun isaa yaadachiifameera.

Feestivaalli agarsiisa gulufsiisa fardeenii marsaa 3ffaan sagantaa ho’aan adeemsifamuu ibsameera.

Feestivaalichi aanaa Waacaaleetti kan adeemsifame yommuu ta’u, Fardeen ciccimoon Salaalee bakka jiranii filaman saganticharratti hirmataniiru.

Yuunivarsiitiin Salaalee Sanyii fardeen Salaalee fi aadaa fardeeniirratti karaa saayinsaawaan qorannoo adeemsisuun Sanyii fardeenii fooyyeessuu fi aadaa tapha fardeenii dhaloota dhaalchisuun sadarkaa biyyaattii fi Addunyaatti beekkamtii akka argatan taasisuuf hojii bal’aa hojjachaa jiraachuu Ittaanaa Preezdaantii Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunvarsiitichaa Dooktar Isheetuu Wandimmuu himaniiru.

Yuunvarsiitiin salaalee aadaa fi duudhaa Uummata qorachaa jiraachuu , qooda Fardeen salaalee fi gootonni Salaalee ijaarsa biyyaa keessatti qaban dhaloota hubachiisuuf hojjatamuu akka qabuu fi kunuunsa barbaachisaa taasisuurratti qaamni dhimmi ilaaluu hundi gahee isa irraa eegamu bahuu akka qabu Yuunivarsiitichatti Ittaanaan preezdaantii Bulchiinsaa fi dhimma Barattootaa Obbo Adunyaa Makonnin  dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa kaabaa Obbo Abrahaam Gaaddisaa gamasaaniin, Seenaa gootummaa fi moo’ichaa Ummata Oromoo qaamoleen biroo ittiin dhaadatan deebisuun kan danda’amu seenaa sana irra deebi’uudhaan agarsiisuun ta’uu himaniiru.

Fardeen salaalee fi gootota salaalee Addunyaatti beeksisuun gahee qaama muraasa qofa waan hin taaneef qaamni dhimmi ilaalu hunduu waliin ta’ee hojjeechuun murteessaa ta’uu himuu isaanii ragaan Yuunvarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.