Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni “Dippilomaasii Faayidaa biyyaalessaa Keenyaaf” bor banama

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Agarsiisni torbee dippiloomaasii mata duree “Dippiloomaasii Faayidaa biyyaalessaa Keenyaaf” jedhuun boru akka banamu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ambaasaaddar Mallas Alam agarsisa dippiloomaasii ibsa miidiyaaleef kennaniin torbeen dippiloomaasii kun, moggaasa “Dippiloomaasii keenya teessoo Gamtaa Afrikaa hanga waltajjii Idil Addunyaatti” jedhuun kan gaggeeffamuu ta’uun kaasan.

Agarsisicharratti Itiyoophiyaanota qofa osoo hintaane, Embaasiiwwan Finfinneetti argaman, dhaabbiileen Idil Addunyaa, dhabbiileen mootuummaa fi miti mootummaa ni hirmaatu jedhameera.

Dippiloomaasiin yeroo ammaa damee dijitaalaan kan tumsame ta’uun, Itiyoophiyaan of ammayyeessa akka tarkaanfattuu fi haala kamuu keessatti lammiileen Itiyophiyaa hunduu Ambaasaaddara biyya isanii ta’uuf torbee waadaa itti galaniidha jedhan.

Agarsiisa Goodambaa Saayinsitti gaggeeffamu kanarratti Finfinneen Giddugala Dippiloomaasii ta’uu bu’uuressuu cinaatti dandeetti kan horattu ta’uu dubbataniiru.

Agarsiisni kun torbee sadiif kan turuu yoo ta’u, marii paanaalii fi Kitaabni Imala Ministeeraa Dhimma Alaa waggoota 116 dubbistootaaf qophaa’uun eerameera.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.