Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni ‘Xiqur Anbassaa’ agarsiisa biraandii Itiyoophiyaa idil addunyaa ta’ee itti fufe – L/J Yilmaa Mardaadaa

Finfinnee, Mudde 14, 2016 (FBC) – Agarsiifni Humna Qilleessaa dhiyaate agarsiisa biraandii Itiyoophiyaa idil addunyaa ta’ee itti fufuu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Agarsiisa addunyaan dinqisiifatee fi ga’umsi balaliistoota ifatti mul’ate ta’uu ibsaniiru.

kabajni guyyaa hundeeffama humna qilleensa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaan milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisee sagantaan beekamtii qophaa’eera.

Itiyoophiyaan agarsiisa addunyaa dinqisiise dhiyeessuu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Fooramiin Humna qilleensa Afrikaas, fooramii sadarkaa Afrikaatti yeroo jalqabaaf qophaa’e, Ajajootni humna qilleensa Afrikaas tumsa isaanii mul’isan ta’uu dubbataniiru.

Sagantaa beekamtii kana irrattis qooda fudhattoota milkaa’ina ayyaanichaatiif gumaachaniif badhaasni kennamuu ragaan raayyaa ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.