Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni qilleensaa Xiqur Anbassaa murannoo Itiyoophiyaa fi Emreetoonni Araba Gamtoomanii waloon hojjechuuf qaban kan agarsiiseedha – L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Agarsiifni qilleensaa Xiqur Anbassaa murannoo Itiyoophiyaa fi Emreetoonni Araba Gamtoomanii dhimmoota naannawaarratti waloon hojjechuuf qaban kan agarsiise ta’uu Ajajaa olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiya waggaa 88ffaan sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Guyyicha sababeeffachuun balaliiftoonni Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Emreetoota Araba Gamtoomanii agarsiisa humna qilleensaa Xiqur Anbassaa jedhamu gaggeessaniiru.

Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan agarsiisicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Itiyoophiyaa fi Emreetoonni Araba Gamtoomanii hariiroo gaarii qabaachuu ibsaniiru.

Muxannoo wal jijjiiruun hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuu eeraniiru.

Agarsiifni Humna Qilleensaa kunis hariiroon biyyoota lamaanii bu’aa qabeessa ta’uu agarsiiftudha jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.