Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni ICT Afrikaa – Hindi 9ffaan baname

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Agarsiifni ICT Afrikaa – Hindi 9ffaan magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti banameera.

Sagantaa baniinsa agarsiisicharratti Ministir Deetaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii, Pireezidaantii Mana Maree Daldalaa Magaalaa Finfinnee Masanbat Shaanquxee, Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Hindii Shirii Roobarti Sheetiikiintoong dabalatee hoggantoonni dhaabbileewwan garaagaraa argamuu ibsameera.

Agarsiisichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu, Dhaabbileen ICT Ityoophiyaa 16 fi Hindii 30 hirmaachaa jiraachuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.