Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni Albuudaa idil addunyaa baname

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Agarsiifni Albuudaa idil addunyaa “Mintex” Finfinnee galma barkumeetti banameera.

Sirna baniinsa agarsiisaa kanarratti Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Ministira Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa, Pireezidaantoota naannolee, hoggantoota mootummaa olaanoo sadarkaa federaalaa fi naannolee dabalatee hirmaattoonni biyyoota garaagaraa argamaniiru.

Dhaabbileen biyyoota alaa 270 ol agarsiisa kanaarratti ni hirmaatu jedhame.

Agarsiisichu har’aa eegalee hanga sadaasa 3, 2015tti kan turu ta’uu eerameera.

Agarsiisichi oomishtoota Albuudaa biyya keessaa dhaabbilee oomisha Albuudaa bitan kan biyyoota alaa waliin kallattiin kan walitti fidu ta’uu ibsameera.

Agarsiisichi Invastmantii Albuuuda Ityoophiyaa ilaaluufi irratti hirmachuuf caarra kan uumu ta’uu ragaan Ministeera Albuudarraa arggame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.