Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni aadaa Gaamoo Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Agarsiifni aadaa Gaamoo Finfinnee Galma Barkumeetti gaggeeffame.
 
Agrsiisichi mata duree “ Fakkeenyummaan nageenyaa abbootii Gaamoo, ijaarsa biyyaaf” jedhuun adeemsifame.
 
Qophicharratti af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI obbo Taaggasaa Caafoo, itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinaar Taakkalaa Uumaa, ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.
 
Waltajjicharratti magaalaa Finfinnee kan jiraatan dhalattoonni Gaamoo, kutaaleen hawaasaa godina Gaamoo aanaa kudhan irraa walitti baba’an, ambaasaaddarootni biyyoota garaagaraa, akkasumas namoonni beekamoo fi keessumoonni waamichi taasifamefi argamaniiru.
 
Sagantaa agarsiisa aadaa kanarratti hirmaattonni kuma 30 ta’an argamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.