Fana: At a Speed of Life!

Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Ministira Dhimma Alaa Yemen waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)- Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Agaanyahu Tashaagar Ministira Dhimma Alaa Yemen Ahimad Awadaahi Biin Mubaarak waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis, michummaan Ityoophyaa fi Yemen cimee itti fufuu akka qabu ibsameera.

Obbo Agaanyahu maricharratti, hariiroon daldalaa, aadaa, amantii, siyaasaa fi kanneen biiroo baroota dheeraa lakkoofsisee akka jiran eeraniiru.

Fuuldurattis hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf hojiileen damee hedduu akka hojjetaman akeekaniiru.

Dooktar Ahimad Awadaahi gama isaaniin, hariiroo fi tumsummaan biyyoota lameenii jaarraa akka caale yaadachiisaniiru.

Yemenitti, dhalattoonni Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanonni dameewwan hojii garaagaraarratti bobba’anii akka hojetaa jiran himaniru.

Dabalataanis, tattaaffii lammiilee gara biyyaattii deebisuu eegalame mootummaan isaanii akka tumsu mirkaneessaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa keessumaa shororkeessummaa naannawaa Gaanfa Afrikatti mul’atu ittisuuf fedhii olaanaa fi kaka’umsa qabu mootummaan isaanii akka deeggaruu fi kanas kan dinqisiifatan ta’uu ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.