Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti weerarri vaayrasii koroonaa ariitiin itti fufeera

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Afrikaatti namoonni  vaayrasiin koroonaa irratti argame kuma 55 fi 364 ga’eera.

Namoonni kumni 2 fi 83 ammoo du’aniiru jedhame.

Afrikaa Kibbaatti namoota kuma 8 fi 232 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 161 yoo du’anan, Gibtsitti namoota kuma 7 fi 981 keessaa namoonni 482 lubbuu dhabaniiru.

Aljeeriyaattis namoota vaayrasiin kun irratti argame kuma 5 fi 182 keessaa namoonni 483 lubbuun darbaniiru.

Ollaa Ityoophiyaa Sudaanittis namoota 930 qabaman keessaa 52 yoo du’an, Soomaaliyaatti namoota 928 vaayrasichi irratti argame keessaa namoonni 44 lubbuun darbaniiru jedhame.

Ityoophiyaatti namoota guyyaa kaleessaa qabamuun isaanii mirkanaa’e 29 dabalatee namoonni 191 vaayrasichaan qabamaniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa  Afrikaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 90 vaayrasii kanaan du’uu akka danda’an beeksiseera.

Ardichaatti namoonni miiliyoonni 29- 44 COVID-19n qabamuu akka danda’anis ifoomseera.

Akka ragaan muul’isutti addunyaarratti namoota miiliyoona 3 fi kuma dhibbi 9 fi kuma 17 fi 944 vaayrasii koroonaan qabaman  keessaa namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 70 fi 740 du’aniiru.

Maddi:- WHO FI Worldometer

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.