Afrikaatti torbee tokkotti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii %43 dabaleera
Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Afrikaatti torbee tokkotti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii %43 dabaluu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.
Yeroowwan itti aananitti Afrikaan weerarichaan miidhamuu akka dandeessu dhaabbatichi ibseera.
Akka gabaasa biyyoota Afrikaatti amma ammaatti namoonni kumni 28 ol vaayrasichaan qabamaniiru.
Kumni 1 fi 300 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Gabaasni ammaa kan torbee darbeerra daballii kuma 16 agarsiisera.
Yaata’uutii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasichi dhugaa ta’uusaa kan shakku ta’uu beeksiseera.
Afrikaan bal’inaanii fi qulqullinaan qorannaa gaggeessuurratti rakkoo humnaa akka qabdu daayreektarri Wiirtuu Ittisa Dhibee Afrikaa Joon Niikiingisoong beeksisaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gama isaatin weerarri vaayrasichaa namoota kuma dhibba 3 ol qabuu akka malu ibseera.
Namoota miiliyoona 30 ol ammoo hiyyummaa hamaaf kan saaxilu ta’uu beeksiseera.
Aardii Afrikaa lakkoofsa namoota biiliyoona 1.3 ol qabduuf kiitonni qorannaa amma ammaatti argaman kuma 500 qofa.
Akka kanaatti ammoo namoota miiliyoona 1 keessaa carraa qoratamuu kan argatu namoota 325 qofa ta’u jechuudha.
Amma ammaatti namoonni miiliyoonni 2.7 ol addunyaarratti weerara vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.
Namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 91 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Namoonni kumni dhibbi 7 fi kumni 50 kan dandamatan yoo ta’u, ammas lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii garuu dabalaa jira.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.