Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti sochiin ittisaa fi to’annoo Covid -19 irratti taasiifame gaarii ta’us ga’aa miti- Giddu Gala Ittisaa fi To’annoo dhibeewwanii Afrikaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Afrikaatti sochiin ittisaa fi to’annoo Covid -19 irratti taasiifame gaarii ta’us ga’aa kan hin taane ta’uu Giddu Gala Ittisaa fi To’annoo dhibeewwanii Afrikaa beeksiise.

weerarri vaayrasichaa Ardii Afrikaa hedduu midhamuu Daayreektarri Giddu Galichaa Dooktar Joon Keengaasoong eeraniiru.

loogii fi qoollifannaan Afrikaarratti ga’e ardicha daraan miidhuu kaasaniiru.

Rakkoo kana furuudhaaf Inisheetiivii Talaalli fi deeggarsa barbaaduu uumuu Preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaatiin gaggeeffamu hojilee hedduu hojjetera jedhan ibsa gaazexeessitootaaf laataniin.

Dhaabbilee deeggarsaa waliin hojjechuun akka karoora yeroo gabaabaatti kan qabame yoo ta’u, rakkicha waaraan furuuf garuu humna keessoo cimsuun barbaachisa ta’uu himaniiru.

Keessattuu talaallii waliin ga’uudhaaf humni jiruu fi hanqinni gama kanaan jiruu ittisaa fi to’annoo vaayrasichaarratti dhiibbaa uumuu eeraniiru .

Xiyyeeffannoo Gamtaan Afrikaa fi waadaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kenneen Afrikaan Talaalli mataashee oomishuu akka dandeessuuf hojjetamuu akka qabu walii galameera.

Haaluma kanaan Afrikaan Talaalli uummata Ardichaaf waliin geessuu dhibbantaa 16 Afrikaama irraa akka ta’uuf hojjechuun barbaachisaa tahuus ka’eera.

Humna keessaa cimsuun hirkattummaa jalaa baasuuf gargaara kan jedhan Daayreektarichi Biyyoonnii miseensa gamtichaa baajata isaanii dhibbantaa 15% damee fayyaaf oolchuu akka qaban yaadni dhiyaachuu himaniiru.

Yidnaqaachoow Y/Maariyaamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.