Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kuma 14tti siqeera

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC)- Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kuma 14tti siqeera.

Afrikaatti namoonni vaayraasii koroonaan qabaman kuma 13fi 674 gahu ibsi woorlid meetirsi doot baasee ifoomseera.

Afrikaa kibbaatti namoota kuma lama ol, Ijiptiitti kuma tokko fi 794, Aljeeriyaatti kuma tokkoofi 761 fi Morookoo kuma tokko fi 527 vaayraasii kanaan qabamu isaani gabaasaniiru.

Guyyaa har’a morookoon namoota haaraa vaayraasii kanaan qabaman 79 gahu isaanii fi lammiileen ishee 3 immoo du’uu beeksiifte.

Hanga ammaatti namonni 700 ol du’u gabaasni kun yoo ibsu, Aljeeriyaatti namoonni 256, ijiptii 135 akkasumas Morookoon lammiilee 110 du’aan dhabuun sadarkaa duraa qabataniiru.

Hanga ammaatti namoonni 2295 vaayiraasii kana irraa bayyanachuu himuun , Afrikaanoonni kuma 10fi 678 vaayraasii kanaan dhukubsachaa kan jiraan yoo ta’uu, 159 kan ta’an immoo dhukubbii cimarraa jiraachu beekame.

Dhibeen kun hanga ammaa biyyoota Afrikaa 55 keessaatti argamuus gabaafameera.

Jibuutiin nama lammaaffaa vaayraasii kanaan qabamee du’e lama beeksiftee Ityoophiyaanis qorannoo sa’a 24 keessatti qorannoo taasiifameen namoota haaraa irraatti mul’achuun lakkoofsi dhukubsatoota 69 gahu fi namooni dabalataa jaha bayyanachuun gabaafameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.