Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti Misooma hunda galeessa mirkaneessuuf Ityoophiyaan qooda ishee ni baati- obbo Dammaqaa

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2012 (FBC) – Afrikaatti Misooma hunda galeessa mirkaneessuuf Ityoophiyaan akka miseensa gamtichaatti qooda ishee kan baatu ta’uu itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Mokonniin mirkaneessaniiru.

Yaa’ii gamtaa Afrikaa 33ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru cinaatti waltajjiin tumsa misooma Afrikaa haaraan (NEPAD) gaggeefameera.

Waltajjiicha irratti kan hirmaatan itti aanaa Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin ejjennoo Ityoophiyaa calaqqisisaniiru.

Haaluma kanaan itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaan, ajandaa gamtichaa 2063 guddinaa diinagdee ardichaa dhugoomsuuf biyyoonni miseensa gamtichaa galma misoomaaf kaa’ame irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Walumaagalatti jijjiirrama ardichaa fi guddinasaa qabataaman mirkaneessuuf carraa walitti hidhamiinsa uumeetti fayyadamuu akka qaban obbo Dammaqaan dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.