Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti jalqabaaf namni tokko vaayrasii koroonaan du’e

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Lammiin Jarman koroonaa vaayrasiin qabamee Gibtsitti yaalamaa ture, lubbuun isaa darbuun himame.

Gibtsitti Sanbata darbe namoonni 45 vaayrasii koroonaan akka haaraatti qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseet ture.

Waliigalaan Afrikaatti hanga ammaatti Gibstitti namoonni 48, Seenegaalitti 4, Afrikaa Kibbaatti 3, Moorokootti 2, Kaameeruunitti 2, Tuniiziyaatti 1, Toogootti 1, Naayijeeriyaatti 1 vaayrasii kanaan qabamaniiru.

Biyyoota 100 keessatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kuma dhibba 1 fi kuma 8 irra ga’uu isaanii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Hanga guyyaa kaleessaatti namoota qabaman keessaa namoonni kumni 3 fi 821 du’aniiru.

Iiraan, Xaaliyaanii fi Kooriyaa Kibbaatti daran hamaachaa jira jedhame.

Xaaliyaatti torbee lama keessatti namoota kuma 7 fi 300 ol qabaman keessaa namoonni 336 du’aniiru.

Ityoophiyaatti buufataalee qorannoo galumsa biyyatti hundarratti namoota kuma dhibba 4 fi kuma 67 fi 280 qorannoo hoo’ina qaamaa godhameen hundi isaanii bilisa ta’uudhan qorannicha darbaniiru.

Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti buufataalee 7 irratti namoota kuma dhibba 2 fi kuma 77 fi 977 qorannoon tasifamee, hundi bilisa ta’aniiru.

Kanneen keessaa namoonni kumni 6 fi 858 biyyoota dhibeen kun keessatti muul’aterraa warreen dhufanidha jedhame.

Maddi:-BBC, CGTN, WHO, CNN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.