Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan waggaatti tajaajilaa oddeeffannoo jala fudhatamuun waggatti Doolaara biiliyoona 3.5 ol akka dhabdu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Afriikaan waggaatti tajaajilaa oddeeffannoo jala fudhatamuun waggatti Doolaara Ameerikaa  biiliyoona 3.5 ol akka dhabdu ibsameera.

Yaa’iin tajaajila nageenya oddeeffannoo 10ffaa bara 2021 gaggeeffama jira.

Ityoophiyaan yaa’ii tajaajila nageenya oddeeffannoo idil-Addunyaarratti Afrikaannooni imaammata baasuun tajaajila nageenya oddeeffannoo irratti waliin hojjechuu qabu jechuun gaaffii dhiyeessite.

Yaa’iichis tajaajila nageenya oddeeffannoo fi dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun mariin taasifamaa jira jedhameera.

Haala tajaajila nageenya oddeeffannoo Afriikaa irratti ibsa kan laataan Ministir deettaan Ministeera Teeknoolojii fi Innooveeshinii Dooktar Ahimaddiin Mahaammad Afriikaa keessatti waliingahiinsa intarneetiin sadarkaa gadiirra akka jiru himuniiru.

Afriikaan waggaatti tajaajilaa oddeeffannoo jala fudhatamuun waggatti hanga Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.5 ol akka dhabdu himaniiru.

Keessattu biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiitti itti fayyadama moobaayilii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 69 akka jiru himuun kanaanis maallaqni Doolaara biiliyoona dhibbi 4 fi biiliyoona 56.3 itti akka socho’u kan ibsan.

Daddabarsi maallaqaa karaa moobaayiilii guddachaa dhufuun isaa ija qaamolee tajaajila oddeeffannoo hatan keessa akka seenan taasiseeras jedhan.

Kanaaf dhaabbileen Afrikaa keessa jiran tajaajjilli nageenyaa oddeeffannoo isaanii laafaa waan ta’eef, qaamoleen Afrikaa keessa imaammata baasan irratti hojjetan waliin hojechuu qabus jedhaniiru.

Tajaajilli intarneetiin taasifamaa jiru dabalaa dhufus, dhimmoonni tajaajila nageenyaa odeeffannoo fi beekumsa diijitaalaa irratti beekumsa gaha dhaabuu, hanqinni oggeessota tajaajila nageenya odeeffannoo jiraachuu, Sooftiweeriin hayyama hinqabne fayyadamuun tajaajila nageenyaa Afrikaa rakkoof saaxilaa jiraachuus himan Dr Ahimaddiin.

Rakkoo jiru kana foyyeessuufis Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa ajandaa bara 2063 waliin walqabsiisuun dhimmoota gara garaa hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Teeknooloo fi Innooveeshiniirra argamee ni muul’dhsa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.