Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Mana Maree Nageenyaa DhMGtti teessoo dhaabbii argachuuf hojjechuu qabdi- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Sochiin gaaffii Afrikaan Mana Maree Nageenyaa  dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessatti argachuu cimee itti fufuu akka qabu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad haasaa baniinsaa yaa’ii dureewwani Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti taasisaniin Afrikaan humna arditti jijjiiruu dandahuu hedduu qabaattuus sababoota garagaraan garuu fayyadamuu hin dandeenye jedhan.

Vaayrasiin Koroonaa  sochii hawaas diinagdee arditti hedduu miidhuu fi  waliin gahiinsi talaalli qixa hin taanee dhimmicha hammeessu dubbataniiru.

Afrikaa osoo hin qabatiin addunyaan kophaa deemuu akka hin dandeenye kaasuun addunyaan ofittummaa keessaa akka baatu gaafataniiru.

Baroonnii darbani Ardiin keenya Walii galaan ,Itiyoophiyaanimmoo Addatti rakkoo guddaa keessa kan turanii tahushimaniiru.

Ityoophiyaa dabalatee Rakkoon nageenyaa Afrikaa keessatti mul’achaa jiruu kan keessoo tahuus karooraa fi ajandaa miidiyaa Qaama sadaffaan deeggaramuun gaggeeffamaa kan jiru tahu himaniiru.

Ityoophiyaan Rakkoo kana keessaa ba’uun sochi olaantummaa seeraa kabachiisuu jalqabdeetti dhukaasa dhaabuu fi Shakkamtoota seeraa hiikuudhaan marii biyyaaleessaaf karra saaquun nageenyaaf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Ityoophiyaaan rakkooma nageenyaa keessa teesse Hojilee siyaasaarraan kan darbee sochiiwwan hawaas diinagdee Ardichaaf bu’aa buusuu hojjechaa jirti.

Rakkoo jijjiirama qilleensaa qolachuuf Inisheetivii Ashaaraa magariisaa bocuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Waggoota shan keessatti biqiltuu biiliyoona shan dhaabuuf karoorfattee karooraan ol raawwachuu himaniiru.

Kumimmoo hojii diingadee jijjirama qilleensaa damdamatuu uumuuf ga’ee qabaachuu himuun wabii nyaataa mirkaneessuufis hojiin oomisha jallisii abdachiisaan hojjetamu himan. Itiyoophiyaan Sagalee Afrikaa tahuu itti fufuu ishees Dr.Abiy himaniiru.

Ardittiin guddoo taatee osoo jirtuu dhaabbilee addunyaa keessatti garuu bakka bu’ummaa maluuf hin argannee jedhaniiru.

Afrikaan hundeeffama Mana maree tasgabbiitiin dura jiraattus bakka bu’ummaa akka hin qabaannee kaasuun yeroon sun raawwachuu akka qabuu fi Afrikaan bakka bu’ummaa maluuf argachuu akka qabdu gaafataniiru.

Hunda caalaa tokkuummaan Afrikaanootaa Furmaata rakkoo hundaa ta’uu himuudhaan Afrikaanoonni tokkuummaa isaanii akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.