Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Mana Maree Nageenyaa DhMG ala ta’uun haqa dhabuudha – Muusaa Faakii Mahaammat

Finfinnee, Guraandhala 11, 2015 (FBC) – Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ala ta’uun haqa dhabuu ta’uu Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa biyyoota miseensa gamtichaa giddu galeeffachuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Rakkoolee ardicha mudatan ce’uuf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiinsaniiru.

Gamtoomina Diinagdee Afrikaa dhuguumsuuf hojii daldalarratti hojjetamarratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Daldala Bilisaa Naannawaa Afrikaa dhugoomsuuf bu’uraaleen misoomaa, Injarjii fi Diijitaalaayizeeshiniin dhimmoota ijoo ta’uu dubbataniiru.

Gamtaan Afrikaa Walga’ii garee biyyoota 20 irratti hirmaachuu akka danda’u waloon hojjechuu qabna jedhan.

Dhimmoonni nageenyaa fi tasgabbii ammas ardichatti qormaata cimaa ta’uu kaasuun, adeemsi karaa heera mootummaan sarbeen aangoo qabachuuf adeemamu biyyoota bittinneessaa jiraachuu himaniiru.

Bara 2030tti ardii dhukaafni keessatti hin dhaga’amne taasiisuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.