Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Kibbaa dura teessuu gamtaa Afrikaa yeroo taate

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2012 (FBC) – Afrikaan Kibbaa dura teessuu gamtaa Afrikaa yeroo taate.
 
Yaa’ii idilee hoggantoota gamtichaa 33ffaa har’a eegalameen Afrikaan Kibbaa dura teessuu yeroo gamtaa Afrikaa bara Faranjootaa 2020 ta’uun aangoo fudhatte.
 
Preezdaantiin biyyattii Siiriil Raamaafoosaam Preezdaantii Gibtsi Abduulfattahi Al Siisii harkaa aangoo dura taa’ummaa fudhataniiru.
 
Preezdaant Raamaafoosaan haasawa waayita kana taasisaaniin, Afrikaa Kibbaa fi Laammiileen biyyattii itti gaafatamummaa kana ga’umsaan kan ba’an ta’uu waadaa galaniiru.
 
Biyyoonni miseensa gamtichaa galma ga’iinsa itti gaafatamummaa kanaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Galma’iinsa ajandaalee bara 2063f xiyyeeffaannoon akka hojjetanii fi guddina diinagdee Ardichaa mirkaneessuuf murannoon kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
 
Keessattuu hariiroo diinagdee, daldalaa fi invastimantii biyyoota miseensota gamtichaa giddduutti cimsuuf haala addaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.
 
Dubartoota ga’oomsuu fi carraa hojii uumuu, bulchiinsa gaarii fi demookraasii babal’isuu irratti xiyyeeffannoo laachuun ni hojjetama jedhan.
 
Afrikaan Kibbaa yeroo 2ffaaf aangoo kana kan fudhatte yoo ta’u, waggaa 18 dura Preezdaant Taaboo Miibeekii dura taa’aa gamtichaa ta’anii turan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.