Afrikaan hojiilee rakkoolee fayyaa fi wabii nyaataa itti fufiinsaan furuu dandeessisan hojjechaa jirti-Muusaa Faakii Mahaamat
Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Afrikaan rakkoolee fayyaa fi wabii nyaataa ishee itti fufiinsaan furuuf hojiilee dandeessisan hojjechaa jiraachuu Dura Ta’aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat dubbatan.
Walga’iin Mana Maree Hoji Raawwachiiftota Gamtaa Afrikaa 42ffaan eegalameera.
Walga’icharratti Muusaa Faakii Mahaammat haasawaa taasisaniin balaa umamaan miidhaa Turkii fi Sooriyaatti qaqqabeen gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.
Afrikaan fayyaa fi sirna nyaataa hojiilee ijoo adda duree gamtichaa taasifachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Giddugalli To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa fi Eejensiin Qorichoota Afrikaa hundaa’uun tattaaffii kana milkeessiifis ta’e hirkattummaa jalaa ba’uuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Eegumsa fayyaa fi wabii nyaataan of danda’uuf biyyoonni waloon hojjechuu qabu jedhan.
Gama diinagdeenis gabaa Afrikaa saffisiisuuf hojiirra oolmaa Naannawaa Daldalaa Walabaa Ardii Afrikaa saffisiisuuf hojjetamaa akka jiru himuu TOI gabaaseera.
Afrikaatti invastimantii babal’isuuf, qabeenya qabdu guutummaatti fayyadamuuf, dijiitaalaayizeeshinii fi ce’umsa beekumsaa babal’isuuf xiyyeeffannaan akka hojjettu ibsaniiru.
Gama nageenyaa ardichaatiinis qajeeltoo Rakkoolee Afrikaa Afrikaan furuun, Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni hedduun duraa bu’ummaa gamtichaan hojiilee nageenyaa mirkaneessuu hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Giddu seentummaan alaa rakkoolee jiran babal’isuu malee furmaata akka hintaane ibsuun, Sudaan, Rippaabilikii Diimookiraatawaa Koongoo, Liibiyaa, Giinii Bisaawuu, Somaaliyaa, Maalii, Burkiinafaasootti, rakkooleen nageenyaa mudatan akka furamaniif marii fi filmaatawwan biroon Koomishinii Gamtaa Afrikaa gahee olaanaa bahachuu kaasaniiru.
Dura Ta’ichi, qajeeltoo ‘Rakkoolee Afrikaa furmaata Afrikaan jedhu, rakkoleen nageenyaa ardichaa itti fufiinsaan akka furamaniif kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.
Tattaaffiiwwan Gamtaa Afrikaa kanneen biyyoonni miseensotaa fi qaamoleen tumsitootaa deeggarsa taasisaan akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.
Hammachiisummaa faayinaansii dargaggootaa fi dubartootaanis, keessumaa pirojektoota ajandaa Afrikaa 2063 dhugoomsuuf dandeessisan irratti xiyyeeffachuun akka hojjetamu dubbataniiru.
Siyaasa idil addunyaa jijjiiramaa ta’een Afrikaan qajeeltoo walkabajaa fi fayyadamummaa waloo irratti kan hundaa’een walta’iinsa damee hedduu akka cimsitu ibsaniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.