Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan hirkattummaa boba’aa keessaa ba’uuf abdii qabdii jedhame

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)-Afrikaan hirkattummaa boba’aa keessaa ba’uuf abdii qabaachuu ogeeyyiin eegumsa naannawaa ibsan.

Yeroo ammaa ardichatti boba’aa %52 anniisaa haareffamaa hintaaneerratti hirkattuu ta’uu kan ibsan ogeeyyiin, qabeenya uumamaa kanneen akka anniisaa aduu, qilleensaa fi gaazii fayyadamuun hirkattummaa boba’aa keessaa ba’uun akka danda’amu abdiin jiraachuu ibsaniiru.

Dhiyeenyaa kana Finfinneetti Yaa’iin Ministiroota Afrikaa gaggeeffame, biyyoonni Afrikaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu fi faalama pilaastikaa hir’isuuf furmaataa waloorratti mari’achuun ibsameera.

Misoomaa indaastirii saffisaarratti kan argamtu Afrikaan hamma gadi lakkisa kaarbanii ishee fi misooma magariisaa ishee dabalaa deemaa jechuu Daayrektarri Naannawaa Afrikaa Kibbaa Fandii Bineensota Bosonaa Idil Addunyaa Daawud Sumbaan dubbtaniiru.

Yeroo ammaas Ardittiitti dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaan qoramaa jiraachuu kan eeran yoo ta’u, Afrikaan gahee gama ishee bahachuuf shocho’aa jiraachuun abdii jira jedhan.

Ardittiitti faalama hir’isuu fi gahee qabaachuu ibsanii, dhiibbaa rakkochii hordofsiisaa jirutti madaquun dhimmaa murteessaa ta’uu kaasanii lamaanuu walsimsiisuun akka barbaachisu CNBC’n gabaaseera.

Afrikaa Kibbaa bakka bu’uun yaa’icharratti kan hirmaatan Ministirri Qabeenyaa Qurxummii fi Eegumsa Naannawaa Barbara Kiriis yaada dhiyeessaniin, Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP 28) saaxilamummaa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuu fi galma madaqummaa idil addunyaa, sagantaan hojiilee hir’isa fandii fi kisaaraa akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Dabalataanis tooftaalee barbaachisaa hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.