Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan guddachuuf hariiroon Afrikaanotaa cimuu qaba- Pireezidaanti Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Onkololeessa 29,2015 (FBC)- Afrikaan qixa qabeenya uumamaasheen akka guddattuuf hariiroon Afrikaanotaa cimuu qaba jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Pireezidaant Saahilawarq Zawdeen Yaa’ii Injinariingii Afrikaa 4ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, ardichatti fedhiifi dhiyeessiin bu’uuraale’ misoomaa saffisaan guddachaa jiraachuu ibsaniiru.

Afrikaan qabeenya uumamaa ishee guddisuufi misoomsuu danda’an qabaattus waltumsuun waliin hojjechuun qormaata guddaa ardichaa ta’ee turuu yaadachiisaniiru.

Ardittiin dandeettii qabdu itti fayyadamuuf Afrikaanonni hariiroo isaanii daran guddisuu akka qaban eeraniiru.

Yaa’iin Injinariingii Afrikaa ardittii bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuuf shoora olaanaa qabaachuu eeruun, mariin akka kanaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaan piroojektiiwwan Paarkii Shaggariifi Tokkummaa ijaaruun injinaroonni Afrikaa Afrikaa jijjiiruu akka danda’an argisiifteetti jechuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.