Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan gibira dhoksuun waggaatti hanga Doolaara Biiliyoona 60 ni dhabdi jedhame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Afrikaan sababa gibira dhoksuun waggaa waggaan Doolaa biiliyoona 40 hanga Doolaara Biiliyoona 60 kan dhabdu ta’uu Ittaantuun Hojii Raawwachiistuu Komishinii Diinagdee Afrikaa Hanaan Moorsii ibsan.

Rakkoo kana furuun qisaasama hir’isuun qabeenya walitti qabuuf kan gargaaru ta’uu haasawaa Walga’ii idilee Ministiroota Faayinaansii, Misooma Diinagdeefi Pilaanii Komishinii Diinagdee Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti taasisaniin ibsaniiru.

Afrikaan addunyaarraa ardii lammiilee harki qalleeyyii hedduun keessatti argaman ta’uu eeruun, bara faranjootaa 2022 keessa lammiilee miiliyoonni dhibbi 5fi miiliyoonni 46 sarara sadarkaa hiyyummaan gadii keessatti kan argaman ta’uu yaadachiisaniiru.

Biyyoonni Afrikaas imaammata hiyyummaarratti xiyyeeffataniifi imaammata diinagdee gooroo hundagaleessa hordofuun carraa hojii uumuuf xiyyeeffannoo kennuu akka qaban ibsaniiru.

Komishinii Diinagdee Afrikaatti Dayrektarri Walitti Hidhamiinsa Naannawaafi Daldalaa Isteefan Kaariing gamasaaniin, Afrikaatti dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa rakkoo ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.