Afrikaan dandeetti damee humna haaromsaa qabdu yoo itti fayyadamte fayyadamummaa humna lammiilee ishee mirkaneessu ni dandeessi-Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaa
Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC)- Afrikaan dandeetti damee humna haaromsaa qabdu yoo itti fayyadamte fayyadamummaa humna lammiilee ishee mirkaneessu akka dandeessu Ministirri Ministeera Bishaanii Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan himaniiru.
Ministirichi hundeeffama waggaa 85ffaa maandiisoota qaama bishaanii fi waldaa qorannoo irratti viidiyoo konfiraansiin hirmaataniiru.
Dooktar Injinaar Silashiin haasawa taasisanii, humni haaromsaa addunyaa %90 hidha biishaanirra akka maddu ibsaniiru.
Afrikaan dandeetti damee humna haaromsaa qabdu yoo itti fayyadamte fayyadamummaa humna lammiilee ishee mirkaneessu ni dandeessi jedhaniiru.
Ityoophiyaan hidha haaromsaa guddichaa ijaaraa jirti kan jedhan Dooktar Injinaar Silashiin, hidhichi madda humna elektirikaa dabalatee carraa hojii uumuu, industiriiwwan babal’isuuf, hanqina dhiyeessii humnaan rakkoo dubartootarra qaqqabu hir’isu dabalatee sharafaa alaa fi biyyoota olla waliin diinagdee waloo uumuuf akka dandeessisu ibsaniiru.