Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti tatamsa’inni vaayrasii koroonaa Oomiikroon hir’achuu ibsame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Afrikaa Kibbaatti tatamsa’inni vaayrasii koroonaa Oomiikroon hir’achuu qorattoonni biyyattii beeksisan.

Afrikaa Kibbaatti gosti vaayrasii koroonaa Oomiikroon jedhamu sadarkaa olaanaan tatamsa’aa turuu fi duula cimaa baatiiwwaniif taasifameen hir’achuu ogeettiin fayyaa biyyattii Maartaa Nuunees ibsiteetti.

Qorattoonni Yunnvarsiitii Wiitwaatar Siraand gamasaaniin, torbanoota xumuraa baatii sadaasaa keessa qorannoo taasifameen namoonni hedduun vaayrasichaan qabamuu fi duula tatamsa’ina vaayrasii kana qolachuuf taasifameen hanga tatamsa’ina isaa hir’isuun danda’amuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa gosti vaayrasii kun addunyaarratti bal’inaan tatamsaa’aa kan jiru yoo ta’u tatamsa’ina isaa qolachuuf biyyoonni hundi tumsuu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Waamicha dabarsuun isaa kan yaadatamudha.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.