Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii dabalaa dhufuu isaan daangeffamni haaraan ifoome

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii dabalaa dhufuu isaan daangeffamawwan haaraa ifoomsan.

 

Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 1 caaleera.
Sababa kanaan Suuqiwwan, manneen shubbisa harkanii, sosochiin ispoortii, konfaransiiwwanii fi qophiiwwan garaagaraa akka cufaman ajajaniiru.

 

Dabalataan gurgurtaan alkoolii dhorkameera.

 

Iddoolee hawaasni itti heddumatuutti haguugguun fuulaa dirqama ta’eera.
Qaamolee qajeelfamoota kanneen hojiitti hin hiikne adabbiin hidhaa fi maallaqaa kan eeggatu ta’uu ibsameera.
Afrikaa Kibbaatti vaayrasiin koroonaa haaraan muul’ate ariitiin babalchaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
Hospitaalloonni fi giddugaloonni yaalaa biyyattii tokko tokko hammaa ol dhukkubsatootan dhidhiphachaa jiraachu himameera.

 

Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.