Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti guyyaa tokkotti vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota 572 darbe

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Afrikaa Kibbaatti guyyaa tokkotti vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota 572 darbeera.

Weerarri vaayrasii koroonaa biyyoota addunyaa hedduu keessatti saffisaan dabaluun lubbuu kumaatamaa galaafataa jira.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessa qofa Afrikaa kibbaatti lubbuun namoota  572 darbeera.

Waliigala biyyattitti lubbuun namoota kuma 5 fi 940 darbeera jedhame.

Du’ii walakkaa ol kan galma’ees baha biyyatti Kappiitti jedhameera.

Addunyaarratti erga vaayrasichi muul’ate lubbuun namoota kuma dhibba 6 olii yoo darbu, namoonni miiliyoonni 15 vaayrasichaan qabamaniiru.

maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.