Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Badhaate arguuf walitti bu’iinsa ardichatti uumaman maksuun barbaachisaadha – Veeraa Soongiwaa

Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC) – Afrikaa Badhaate arguuf walitti bu’iinsa ardichatti uumaman maksuun barbaachisaa ta’uu Itti aantuu Barreessituu olaantuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Hojii Raawwachiiftuun Komishinii Diinagdee Afrikaa Veeraa Soongiwaan ibsaniiru.
Gochaawwan shororkeessummaa fi walitti bu’iinsi sodaa nageenyaa ardichaa ta’uu itti fufuu Veeraa Soongiwaan walga’iin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 40ffaarratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Afrikaa Badhaate arguuf dandeettii guutuun walitti bu’iinsaa fi gochaa shororkeessummaa ardichatti uumaman ittisuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.
Jijjiirramni qabeenya qilleensaa, haleellaan saayibarii, weerarri vaayrasii koroonaa, hojii dhabdummaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii sodaalee ardichaa ta’uu isaanii himaniiru.
Sababa weerara vaayrasii koroonaan diinagdee ardichaa miidhame deebisanii dandamachiisuun hin danda’amne jedhan.
Qorannoo galii nama dhuunfaa bara 2014 biyyoota Afrikaatti gaggeeffameen biyyoonni 4 qaala’iinsa diinagdee hamaa keessa galuu isaanii fi yeroo ammaa biyyoonni 17 qaala’iinsa diinagdee cimaa keessa jiraachuu Veeraa Soongiwaan dubbataniiru.
Yaa ta’uutii Hoggantoonni Afrikaa hudhaalee diinagdee ardichaa yeroon furuu danda’an amma ta’uu eeraniiru.
Afrikaatti gatiin oomishaalee bu’uuraa daraan dabalaa jiraachuu fi jiraattoota Afrikaa 5 keessaa tokko guyyaan nyaata kan hin arganne ta’uu kaasaniiru.
Sababa hanqina sirna nyaataa Ardichaan daa’imman hedduun rakkoo xinsammuu fi hir’ina qaamaaf saaxilamuu Veeraa Soongiwaan ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.