Fana: At a Speed of Life!

Afgaanistaanitti yeroo 2ffaaf kirkirri lafaa mudate

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Afgaanistaanitti yeroo 2ffaaf kirkirri lafaa mudachuun gabaafame.

Kirkirri lafaa mudate kunis, Reektar Iskeelii 6.3 kan galmaa’e yoo ta’u, kutaa bulchiinsa Heerat keessatti lubbun namoota kuma 2 fi 400 erga darbee booda yeroo 2ffaaf balaan walfakkataan kun mudachuun ibsameera.

Balichi har’a ganama naannawaa Kutaa Bulchiinsa Heeratitti irra deebiin mudachuun eerameera.

Angaa’oonni Taaliban akka ibsanitti, bara kana sababa kirkira lafaan lubbun namoota kuma 2 fi 445 yoo darbu namoonni kumatamatti lakkaa’aman madaa’uu ibsuu Aljaaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.