Fana: At a Speed of Life!

Afaaritti lammiilee bishaanin marfaman hojiin helikooftaraan baasuu xumurame

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Naannoo Afaaritti lammiilee bishaanin marfaman hojiin helikooftaraan baasuu xumurame.
 
Waajjirri Qindeessaa Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa Naannoo Afaar akka beeksisetti, hojiin lammiilee balaa lolaatif saaxilaman helikooftaraan baasuu xumurameera.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Qilleensaa tumsa taasisuun ibsameera.
 
Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Mahaammad Huseen roobni cimaan roobe aanaalee daangaa Awaashirra jiran 11 keessa namoota jiraatan kuma 67 ol irratti miidhaa qaqqabsiisera jedhan.
 
Namoota kanneen keessaa 40,700 ol balaa lolaa kanaan qayee jireenya isaanitirraa buqqaafamaniiru.
 
Kaan ammoo lolaadhan marfamaniit turan.
 
Raayyaan ittisaa fi humni qilleensaa guyyoota 10f helikooftaraan deeggaramuun lammiilee kanneen baasaa turaniiru.
 
Jiraattota aanaa Asaa’ittaa, Afaamboo fi Garaniitti bishaanin marfamanii turan 4,915 helikooftara lamaan hanga kaleessaatti baasuun xumurameera.
 
Lammiileen bishaanin marfamanii rakkoof saaxilamanii turan 3,640 deeggarsa akka argatan raayyaan ittisaa fi humni qilleensaa deeggarsa taasisuu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa beeksiseera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.